Haaromsi Aadaa Maaliif  Barbaachisee!

Aadaan kan baratamu, kan qoodamu, mallattoon kan waliigalamu, amala hunda-galeessummaa, walitti hidhamuufi amala haaromuu kan qabuudha.


Biyyoonni addunyaa rakkoo gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa isaan muudataa ture hiikkachuuf yeroo gara garaatti haaromsa aadaa gaggeessaa turaniiru.


 Biyyoonni kunis  rakkoo sababa ilaalchaa, aadaafi yaadaa; haftee sirnoota darbanii buuura irraa jijjiiruun tarsiimoo bocanii diriirsuun milkaa'anii jiru. 


Aadaan adeemsa keessatti sababoota jijjiirama hawaasaatiin, Teeknoolojitiin, Jijjiirama adunyaa (Globalization)fi walitti dhufeenya garee gara garaatiin jijjiiramuu danda’a .Jijjiiramni kunis suuta yookiin saffisaan deemuu danda’a.


 Wantootni suutummmaan yookiin saffisaan jijiirama aadaa murteessan gurguddoo keessaa inni calqabaa Kalaqaafi Teeknoolojiidha.Jiruufi jireenya ilma namaa keessatti  Kalaqiniifi teeknoolojii haaraan akkaataa hawaasni ittiin walqunnamuufi hojjetu jijjiiruu danada’an keessaa kalaqa mobaayilii Samartii aadaa qunnamtii adunyaa jijjiiruu danda’e akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. 


Wantoota jijjiirama aadaa saffisiisan keessaa inni biroon immoo Haala Gilobalaayizeeshiiniiti. Guddina teeknoolojii irraa ka’ee addunyaan gara ganda tokkootti dhufaa waan deemteef sababa daladalaa, inveestimentiifi, godaansaafi guddina mediaafi qunnamtii adunyaatiin walitti dhufeenyi hawaasa gara garaa dabalaa waan dhufeef dhimmootni kunniin aadaan ummata keenyaa  tokko tokko akka jijjiiramaa dhufu gochuu danda’ee jira. 


Gama birootiin taateewwan jijjiirama aadaa hawaasa tokkootiif sababa ta’an keessaa  Sosochiin hawaasaa isa tokkodha.  Sosochiin hawaasaa mirgaaf, walqixxummaaf, eeggumsa naannootiif taasifamu sababoota kunneen keessatti kan hammatamu ta’a. 


Sababoota haaromsi aadaa akka gaggeeffamuuf dirqisiisan inni itti aanu Jijiirama caasefama diinagdeeti.  Caaseffamni diinagdee qonnaa gara industrii ykn guddinni industrii tajaajilaa biyya tokkoo haala jireenya hawaasaa waan jijjiiruuf kun Aadaa hawaasaa irratti jijjiirma guddaa kanfidu ta’a.


Gama birootiin dhimmoota jijjiiramaafi Haaromsa Aadaatiif sababa kan ta'u, Barnootaafi hubannoodha. Hawaasni tokko akkuma sadarkaan dabaluun carraan namni odeeffannoof qabu dabalaa waan deemuuf ilaalchi hawaasas dubbii tokko kallattii gara garaatiin ilaaluu haalli dandeessisu  uumamaa dhufa. Kun immoo sababoota Aadaa haaraan akka dhufuuf daandii saaqan keessaa tokko ta'ee argama.


Wantoota  jijjiirama aadaa fidan jedhamuun beekkaman inni biroon Dhiibbaa siyaasaa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Dhiibbaan siyaasaa aadaa hawaasaa jijjiiruu keessatti gahee qaba hoggaa jennus,  mootummaafi Imaamatni mootummaan baasu maalummaa aadaa bocuufi haaromsuu keessatti gayee guddaa taphata. Mootummaan aadaa bifa riifoormitiin  aadaa bocuu danda’a.  


Gama birootiin keessumaa Jaarraa keessa jirru kana keessatti Weerara Addunyaa Dijitaalaatiin walqabatee salphumatti aadaafi duudhaa hawaasa keenyaa ganamaa wantoota booressaafi jijjiiraa jiran keessaa  Ogaartii aartiifi Miidiyaan akka fakkeenya guddaatti kaasuun ni danda’ama.  Og-aartiifi miidiyaan, hogbarruun, fiilmin, muuziqaafi artiin gara biroo dhiibbaa guddaa keessa galchuun namootni aadaa  haaraa akka hawwan ykn bocan gayee guddaa qabu. 


Akkuma armaan olitti ilaaluuf yaaletti Aadaan waan haaromuu danda’uufi haala jijjiiramaa keessatti madaqaa deemudha. Kun immoo aadaa baratame hambisuufi haaraa fiduu jiddutti qabsoo godhamu waanta’eef akka salphaatti kan raawwatu akka hintaane huubachuun daran barbaachisaadha. 


Akka Yaada rimeetti aadaa haaromsuun sababa gara garaatiif barbaachisa. Kunis hawaasni tokko safuu, duudhaa barsiifata jiru keessatti guddina barbaada ykn jijjiirama barbaadu fiduu yoo dadhabe ykn jijjirama teeknoolojii, adunyaafi kkf wajjin tarkaanfachuuf yoo dadhabeedha.


Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa 

Milkaa'ina hojii Haaromsa Aadaa seenaa Oromoo keessatti bara baraan yaadatamuufii boqonnaa haaraa uummata keenyaaf kennu kun sadarkaa naannootti akka lafa qabatuufi hojiirra ooluuf mootummaan naannichaafi qaamoleen qooda fudhattootaa shoora ol'aanaa taphachaa jiran ammas cimsanii akka itti fufaniif  andii guddaa qabna.


 Sektekeraaleen mootummaafi dhuunfaa milkaaina hojichaaf gahee keessanii karaa guutuu ta'een  bahachuuf sosochii ho'aafi taasisaa jirtan daran cimsitanii akka itti fuftaniif Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa irra deebiin yaamicha dabarsa. 


Haaromsi Aadaa Jijjiiramaa Waloo biyyaatiif !

Gadaan Yayyaba Dimokraasii Addunyaatti.


Borana Oromoo are Pioneer of of Gadaa System Generally Gadaa System is Origin of Modern Democracy.