SEENAA LAPHEE NAMAA TUQU!🥺


Gurbaa harka-qal'eessa tokkotu jaalala intala namicha dureessa tokkoon qabamee jira. Guyyaa tokko gurbichi intalittii bakka tokkotti beellame. Intalittiinis akkas jetteen, "si'i, na dhagahi! Mindaan kee kan ati ji'atti argattu maalaqan ani guyyaa tokkotti itti fayyadamee balleessuun walqixa. Ani akkamittan si waliin wal madaala. Ati akkamitti kana yaadde? Gonkumallee si jaalachuu hin danda'u. Ammaa kaasii waa'ee koo dagadhuu nama sadarkaa keerra jiru barbaaddadhu.".


Haa ta'u malee inni waa'eeshee gonkumaa dagachuu hin dandeenye. Nama tokko wajjinis jaalala hin eegalle.


Yeroo dheeraa, waggaa 10 booda akka tasaa bakkee daldala suuqii tokkootti walitti dhufan. Isheenis akkana jetteen, "si'i , jirtaa? Ani amma heerumeen jira. Abbaan warraa koo mindaa hagam akka nyaatu beektaa, $15,700. Ati kana abjuunuu argitee beektaa? Kana irrattimmoo nama baay'ee abshaala(smart) dha." 


Yemmuu jecha kana isheerraa dhagahu ijjisaa imimmaaniin guutame. Waan dubbatus ni wallaale.


Sekondii muraasa booda abbaan manaa ishee dhufe. Abbaan warraa ishees osuu isheen waa hin jedhiiniin dura, "kabajamoo, baga as jiraatte. Haadha manaa koo wajjin walitti dhuftee jirta...."


Haadha manaa isaatiinis akkana jedhe. "Namni kun Alaqaa(boss) kooti. Ani hojjettoota isaa warra piroojeektii maalaqa miliyoona $100 keessa hojjetan keessaa isa tokko. Dhugaa tokko sittimuu giiftii koo, Alaqaan koo kun dubartii tokko jaalatee garuu laphee ishee mo'uu hin dandeenye. Dubartiin sun garuu osuu alaqaa koo kanatti heerumteetti ta'ee har'a nama carraa qabeettii akkamii turtee? Yeroo har'aa kanatti eenyutu akkasitti nama jaalata?"


Dubartiin sunis waanta jedhame guutummaatti dhageessee, argitee iyyite. Garuu jecha tokkollee dubbachuu hin dandeenye.


Jireenyi waan baay'ee gabaabduu fi akka daawwitii(of-ilaallee) ti. Hamma inni balaqqeessisu qofaa arguu dandeessa. Kanaafuu, haala namni tokko yeroo ammaatti keessa jiru ilaaltee nama Sana gadqabiin!.


Galatoomaa

Hiriyyoota keef qoodi.

Seenaa fi seenaa dansaa akkanaa barachuuf website keenna guyyaa hundaa seenaatti like fi Comment godhaa!